Dooktar Abiy jila Pireezdaantii Zimbaabuwee simatan

52

Finfinnee, Eebila 8/2013 (TOI) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad jila Pireezdaantii Zimbaabuwee Emarsan Minaangaagwaan simachuun dubbisaniiru.Jilichi kallattii Gamtaan Afrikaa kaa’een seenaan Afrikaa waggaa 500 sirriin akka galma’uuf ‘Kitaaba dhugaa Afrikaa (African Fact Book’) jedhamuun qophaa’e Dooktar Abiyyiif gumaacheera.

Dhugaa, aadaa fi seenaa Afrikaa sirrii addunyaaf beeksiisuun ajandaa bara 2063f faayidaa qabaachuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni agarsiisa.

Jilichi kitaabicha gumaachuun ga’ee Ityoophiyaan bilisummaa Afrikaaf baatee fi deeggarsa yeroo itti aanu Paan Afrikaaniizimiif taasiiftu dinqisiifachuun beekkamtii laateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015