Koreen duub deebii hojiilee labsii yeroo ariifachiisaa gamaaggame

68

Finfinnee, Eebila 7/ 2013 (TOI) – Koreen Ministirootaa deebii laataa labsii yeroo ariifachiisaa raawwii hojii labsii yeroo ariifachiisaa kutaalee biyyattii keessatti hojjetaman gamaaggameera.

Waltajjii gamaaggamaa kanarratti qorannoon gabaasa hojii rakkoolee uumaamaa fi namtolcheen ga’uu danda’an ittisuu fi dhimmoota deebii yeroo hatattamaa barbaadanirratti deebii ariifachiisaa laachuuf hojjetaman dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Rakkoolee tilmaamamaniif deebii qindoomina qabuu fi cimaa ta’e laachuun akka danda’amuuf gareen deebii laataa ittisa balaa duraa qindeessu manneen hojii garaagaraa keessaatti gurmaa’uu ibsameera.

Korichi gabaasa dhiyaate qorachuun hojiin hanga ammaatti qindoominaan hojjetaman jajjabessaa ta’uu fi ciminoonni muul’atan cimee itti fufuu akka qabu kallattii kaa’eera.

Rakkoolee gara fuulduraa aanaa hanga Federaalaatti muudachuu danda’an waloon dursanii ittisuuf gurmaa’innii fi adeemsii deebii laachuu ariifataan akka jiraatu kallattiin kaa’amuu ragaan Ministeera Nageenyarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015