Facaatiin dhibee Vaayrasii koroonaa Torbee 1 asitti % 40'n dabale - Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

121

Finfinnee, Eebila 7/2013 (TOI) - Facaatiin dhibee vaayirasii koroonaa torbee tokko asitti % 40'n dabaluu Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaafi Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa qajeelfamoota ittisa Covid_19 irratti waliin ta'uun miidiyaaf ibsa kennaniru.

Covid_19 erga biyyattii keessatti mul'atee waggaa 1 fi ji'a 1 ta'eera.

Hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti namoonni kuma 300 caalan qorannoo Covid_19 kan taasisan yoo ta'u; kanneen keessaa kuma 32fi 878 kanneen vaayirasichaan qabamaniidha.

Harki 85 kan dandamatan yoo ta'u namootni 377 ammoo lubbuun isaanii darbeera.

Yeroo ammaa tatamsa'inni vaayirasichaa yaaddessaa ta'eera jedhan Hoogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqalaa.

Naannichatti lakkoobsi namoota dhibichaan du'anii torbee tokkotti % 144'n dabaluu Hoogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti qajeelfamni weerara dhibee Covid -19 ittisuu fi to'achuf ba’e hojiirra oolaa hin jiru jedhamera.

Yeroo amma Namootni umrii gara garaa keessa jiranis vaayirasichaaf saaxilamaa jiru jedhaniru.

Ittisaafi to'annaa Vaayirasii Koroonaa irratti hawaasa bira dagannaa guddatu jira.Keessattuu Covid- 19 hin jiru jechuun, talaallii farra Covid- 19 talaalamuuf harkifannaan jiraachuu, dhaabbileen kenna tajaajilaa pirotokoolii Covid- 19 eeguufi eegsisuu dhabuu,sirna awwaalchaafi walgahii irraatti baay'inaan hirmaachuu,sochii ispoortiifi muuziqaa akkasuma dhaabbilee amantaa keessatti rakkoon bal'aan jiraachuu Dooktar Mangistuun himaniiru.

Rakkoo yaaddessaa kana furuuf wiirtuuleen gara garaa tajaajila wal'aansa Covid- 19 akka kennan gochuuf hojjetamaa jiraachuus himan.

Ibsa har'a kennaameen qajeelfama Labsii of eeggannoo Koroonaa ittisuuf ba’e Qaamni darbee argame Seera Labsichaan kan adabamu ta’uu Hoogganaan Abbaa Alangaa Walii galaa Oromiyaa obbo Huseen Usumaan akeekkachiisaniiru.

Hanga ibsi kun laatameetti naannoo Oromiyaatti namoonni 25 guyyoota 3 keessatti lubbuu dhabaniiru.

Lakkoobsi namoota dandamatanii ammoo % 11'n gadi bu'aa jiraachuu ibsameera.

Dabalataanis namni tokko wallaansa yaala cimaa seenee guyyoota 30-40tti turaa jira jedhame.

Maddi :- OBN fi FBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015