Itiyoo- Teeleekoom naannoo Kibbaa damee Kibba Lixaatti tajaajila 4G LTE Advaansiid eegalchiise

88

Finfinnee, Eebila 7/2013 (TOI) - Itiyoo- Teeleekoom naannoo Kibbaa damee Kibba Lixaatti tajaajila 4G LTE Advaansiid eegalchiisuu beeksiise.

Tajaajilli magaalaa Walaayitaa Sooddoo, Walqixxee, Jiinkaa, Aarbaa Minci, Buttaa Jiraa, fi Hoosaa’iinaatti ifatti eegaleera.

Jatajila Intaraneeta ariifata 4G LTE kanaan magaaloota kanatti jiraattoota kuma dhibba jahaa ol fayyadamoo taasiisa jedhameera.

Tajaajila 4G LTE advaansiidii kutaalee biyyattii garaagaraatti babal’isuun cimee itti fufu hojii gaggeessituu olaantuun Itiyoo Teeleekoo aadde Fireehiyiwat Taammiruun ibsaniiru.

Hojiin tajaajila babal’isuu galii dhaabbatichaa guddisuurra darbee magaaloota misoomsuu, carraa hojii uumuu fi oomishaa fi oomishtummaa guddisuu fi sosochii guyyaa guyyaa saffisiisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Itiyoo Teeleekoom naannoo magaaloota 103 keessatti tajaajila 4G LTE Advaansiid hojiirra oolchuuf karoofatee hojjechaa jiraachuu aadde Fireehiyiwat ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015