Itoophiyaa fi Faransaayi dameewwan addaddaarratti waliin hojjechuuf walii galtee mallatteessan

75

Finfinnee Bitootessa  3/2011 Itoophiyaa fi Faransaayi dameewwan addaddaarratti waliin hojjechuuf walii galtee mallateessan.

Itoophiyaatti daawwannaa hojii guyyoota lamaa taasisuurratti kan argaman pirezidaantiin Faransaayi Imaanu’eel Maakiroon ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi itti gaafatamtoonni mootummaa olaanoon Laalibalaatti simataniiru.

Kabaja pirezidaanti Maakirooniif madfiin si’a sagal dhukaafameera.

Simannaan boodas galgala waajjira ministira muummeetti sirna mallattoo taasifameen Itoophiyaa fi Faransaayi dameewwan addaddaatiin waliin hojjechuuf walii galuusaanii mirkaneessaniiru.

Hooggantoonni lamaan  karaa bakka bu’ootasaanii mallattoo mallatteessaniin Faransaayi hambaawwan bataskaanota Laalibalaaf deeggarsa maallaqaa fi ogummaa ni taasifti.

Kana malees gama investimantii, human ittisa biyyaa gabbisuu, keessumaa gama human galaanaa fi qilleensaatiin Faransaayi deeggarsashii cimsuuf haala dandeessisurratti walii galameera.

 Hooggantoonni lamaan miidiyaaf ibsa waliin kennaniin, ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itoophiyaa fi Faransaayi jaarraa 17ffaa irraa kaasee michooma bara dheeraaf qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka hojjetan waliin haasawuusaanii ibsaniiru.

Pirezidaanti Maakiroon afeerraa daawwannaa hojii mootummaa Itoophiyaatiin taasifameef tole jedhanii dhufuusaanii Dr. Abiyyi galateeffataniiru.

Daawwannaa kanaan ministirri muummee Dr. Abiyyi daawwannaa Faransaayitti taasisanii wayita turetti walii galtee irra ga’ame hojiitti jijjiiruun haala danda’amurrattis mari’achuusaanii eeraniiru.

Pirezidaanti Maakiroon gamasaaniitiin Itoophiyaan gara qaroominashii duriitti deebi’uuf yaalii taasiftu Faransaayi kan deeggartu ta’uu ibsaniiru.

Biyyisaanii Itoophiyaaf liqaa fi deeggarsa maallaqaa akka taasiftus dubbataniiru.

Abootiin qabeenyaa Faransaayi Itoophiyaatti hojii invastimantiirratti akka bobba’an akka taasisan ibsanii, daawwannaa ammaatiin abbootii qabeenyaa fidanii akka dhufan eeraniiru.

Balaa Xiyyaaraa Itoophiyaatti ga’een namoota du’anii gaddi akka itti dhaga’ames ibsaniiru.

Wayita ammaa waliti hidhiinsi dinagdee Itoophiyaa fi Faransaayi jidduu jiru cimaa dhufuusaa odeeffannoon embaasii Faransaayirraa argame ni agarsiisa.

Faransaayi meeshaalee tiraanispoortii fi yaalaaf tajaajilan Itoophiyaatti yoo ergitu, Itoophiyaan oomishoota qonnaa keessumaammoo buna Faransaayitti ni ergiti.

Wayita ammaa Itoophiyaatti namoota kuma sadiif carraa hojii kan uuman kubbaaniyyoonni Faransaayi 30 Itoophiyaa keessaa jiru.

Ministirri muummee Abiyyi Ahimad baatii shan dura biyyoota Awurooppaa addaddaatti daawwannaa wayita taasisan kan daawwatan keessaa Faransaayi tokko yoo taatu, pirezidaanti Imaanu’eel Maakiroon waliin dhimmoota waliin hojjechuu danda’anirratti mari’achuunsaanii ni yaadatama.

Kanneen keessaas waltajjii idil addunyaarratti ajandaawwan tokko isaan taasisurratti, farra shororkeessummaa, haala qilleensaa fi dhimma misoomaa mootummoota Afriikaa bahaa ’Igaad’ irratti waliin hojjechuuf walii galaniiru.

Faransaayi embaasiishii Itoophiyaatti argamu daawwattootaaf banaa taasisuuf, hambaa idil addunyaatti kan galmaa’e bataskaanota Laalibalaa haaromsuuf kan oolu deeggarsa maallaqaa fi ogeeyyii taasisuuf walii galameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015