Obbo Dammaqaa Mokonnin Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayireektara Afrikaa waliin mari’atan

50

Finfinnee, Eebla 6/2013 (TOI)- Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayireektara Afrikaa Dooktar Moo’eetii Shiidii waliin mari’ataniiru.

Marichi Itoophiyan carraaqqii ittisa vaayirasii koroonaaf taasisftuu fi waliinga’insa talaallii covid-19 Afrikaa irratti tahuu ibsameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa deeggarsa damee fayyaa Itoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu Dooktar Moo’eetiin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015