Sudaan daangaa Itoophiyaa weeraruun ishee nageenya gaanfa Afrikaa balaarra buuseera – Ministeera Dhimma Alaa

52

Finfinnee, Eebila 6/2013 (TOI) – Dura teessuun yeroo Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Sudaan daangaa Itoophiyaa weeraruun ishee nageenya gaanfa Afrikaa balaarra kan buusu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Sudaan dura teessuu yeroo Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa taatus lafa Itoophiyaa weeraruu, lammiilee nagaa buqqisuu fi lafa dabalataa weeraruuf socho’aa jiraachuu Ministeerichi ibseera.

Ministeerri Dhimma Alaa hawaasni addunyaa Sudaan wayita Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti bobba’ee jirutti lafa Itoophiyaa daangaa ce’uun weerarte gadi dhiiftee akka baatuuf dhiibbaa taasiisuu qaba jechuun waamicha dhiyeesseera.

Ministeerichi Itoophiyaan haala waliigaltee yaadannoo waljijjiirraa bara Faranjootaa 1972n garaagarummaa daangaa uumame mala waldhabee hiikuun furmaata laachuuf qophii ta’uu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015