Tigiraayitti gareen shiftaa ABUT sochiin inni iddoolee 8tti taasiisaa ture Raayyaa Ittisaan barbaadaa’uu ibsame

57

Finfinnee, Eebila 5/2013 (TOI) – Tigiraayitti gareen shiftaa ABUT sochii iddoo 8tti taasiisaa ture tarkaanfii Raayyaan Ittisaa fudhateen barbaadaa’uu Qindeessaa Olaanaan Damee Ijaarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsaniiru.

Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen haala waqtaawwaarratti ibsa laataniiru.

Garichi naannoo Tigraay iddoolee 8tti sochiin taasiisaa kan ture yoo ta'u tarkaanfii Raayyaan Ittisaa fudhateen barbaadaa’uu ibsaniiru.Hidhattoonni hedduun abdii kutachuun harkaa laachaa jiraachuu himaniiru.

Naannichatti iddoolee leenjii xixiqqoo fi eegdoota hoggantoota garichaarratti tarkaanfiin fudhatamuu fi to’annoo jala oolchuun danda’ameera jedhan.

Gareen ABUT kara adda addaa miliquuf yaalaa jiraatus Raayyaan Ittisaa kallattii hundaan qophii ga’aa taasiisuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015