‘’Magaalaa Finfinnee guutumatti barbadeessu kan danda’uu kuufamni Keemikaalaa yeroon isaa darbe jira’’ jedhame odeeffannoon hafarsame soba- Tajaajila Tika-Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaaleessaa

261

Finfinnee,Ebla 2/2013(TOI)- ‘’Magaalaa Finfinnee guutumatti barbadeessu kan danda’uu kuufamni Keemikaalaa yeroon isaa darbe jira’’ jedhame midiyaa garagraafi midiyaa hawaasaan odeeffannoon tamsa’anifi hafarsaman soba tahu Tajaajilli Tika-Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaaleessaa hubachiise.

Tajaajilli Tiika- Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaaleessa akka beeksiseetti,kaleessa Eejansiin Bulchiinsaa Qabeenyaafi Bittaa Mootuummaa ibsa kenne dabsuun midiyaa sabqunnamti garagaraafi toorri midiyaa hawaasaa tokko tokkoo Finfinne guutumatti barbadeessu kan dandahu kuufamni keemikaalaa yeroo isaa darbee jira jechuun odeefannoon sobaa tamsaasan hawaasaa magaalichaarratti yaaddoo ni geenyaa uumuuf yaalameera.

Keemikaalli kuufame jedhame Dhaabbatni Daldala Midhaani Itoophiyaa dhiibee midhaani balleessuuf biyya alaa kan galchee tahuusaa ibsa kaleessa kenne akka tahe kan yaadachise ibsichi, hanqina qabiinsaafi itti fayyadama irratti qabeenyaafi nama irratti miidhaa akka hin geessifneef qaamoolee dhimmichi ilaalatufi ogeessoota damichaa waliin tahuun haala saayinsaawaan dhabamsisuuf karaa mootummaatiin hojjatamaa akka jiruu ibse ture.

Haatahuti Ibsa eejansichi kenne ka’uumsa taasifachuufi dabsani dhiheessuun midiyaa sabqunnamti garagaraafi toorri midiyaa hawaasaa tokko tokkoo Finfinne guutumatti barbadeessu kan dandahu kuufamni keemikaalaa yeroo isaa darbee Naannoo Laaftoo jira jechuun odeeffannoo sobaa tamsaasan hawaasa burjaajeessuun cinatti yaaddoo nageenyaa uumuuf yaalaa jiraachuu ibsi tajaajilichi ergeen beeksisee jira

Kanaafis Tajaajilli Tiika-Nageenyaafi Odeeffanno Biyyaaleessaa kuufamni keemikaalaa jedhame jiraattoota magaalichaaf yaaddoo nageenyaa uumuu akka hin dandeenye qaamoolee dhimmichi ilaalatu waliin kan mirkaneessee yoo tahu, hawaasnis odeeffanno sobaa tamsa’een osoo hin dogoggoriin sochii guyyaa guyyaasaa irratti yaaddoo tokko malee akka socha'uu qabu waamicha isaa dhiheesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015