Paartichi yoo filatame tokkummaa biyyaalessaa irraatti bal'inaan akka hojjetu ibse

79

Finfinnee, Ebla 1/2013(TOI)- Paartiin Bilisummaafi Walqixxummaa har’a wayita maneefestoofi mallattoo filannoosaa ifoomsetti akka ibsetti yoo filatame tokkummaa biyyaalessaa irraatti bal'inaan akka hojjetu ibse.

Durataa'aan paartichaa Doktar Abdulqaadir Adam akka jedhanitti, paartiinsaanii filannnoo biyyaalessaa 6fan nagaan akka gaggeeffamuun waanirraa eegamu mara akka raawwatuufi mul’annisaas biyya walqixummaan keessatti mirkanaa’e, dinagdeefi dimokraasiin ittidagaage arguudha.

Itoophiyaan biyya saboonni aadaafi duudhaa mataasaanii qaban keessa jiraachaa turaniifi jiran waan taateef lammiileen sabaan, amantiin, koorniyaafi ilaalcha qabaniin osoo hindhiibamin walqixa misooma biyyaarraa akka fayyadaman taasisuun hojii paartichaati jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015