Obbo Dammaqaa Makonnin Dura Teessuu Ittaantuu Komishinii Gamtaa Afrikaa waliin mari’atan.

49

Finfinnee,Ebla 1/2013(TOI)- Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin Dura Teessuu Ittaantuu Komishinii Gamtaa Afrikaa Dooktar Mooniik Nisaanzaabaagaanwaan waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Dooktar Mooniik Nisaanzaabaagaanwaan Dura Teessuu Ittaantuu Komishinii Gamtaa Afrikaa ta’uun filatamuu isaaniitti gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.

Bara hojii gaarii akka ta’uufis hawwaniiru.Yeroo itti aanu sosochii hojii taasiisan keessatti deeggarsa barbaachisu kan taasiisan ta’uu eeraniiru.

Obbo Dammaqaan marii Sadee Hidha Haaromsaa Kinshaasaatti gaggeeffame ilaalchisee Dooktar Mooniikiif ibsa taasiisaniiru.

Rakkichi furmaata Afrikaa kan barbaadu ta’uu amanuun marichi gaggeessuummaa Gamtaa Afrikaan akka itti fufu Itoophiyaan ejjennoo qabaachuu kaasaniiru.

Naannoo Tigraayitti dhiyeessiin deeggarsa namoomaa fooyya’aa jiraachuu eeraniiru.

Dooktar Mooniik Nisaanzaabaagaanwaan gama isaaniin rakkoolee Afrikaaf furmaanni Afrikaa murteessaa ta’uu amantaa guutuu qabaachuu ibsaniiru.

Ejjennoo Itoophiyaan gama kanaan qabattees kan dinqisiifatan ta’uu dubbataniiru.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tattaaffii taasiifamuuf mootummaan Itoophiyaa hojjettoota Gamtaa Afrikaaf talaallii akka deeggarsa taasiisu gaafataniiru.

Obbo Dammaqaanis mootummaan Itoophiyaa hojjettoota Gamtichaaf deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu ibsaniiru.

Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015