Odeeffannoo haala qabatamaa Ityoophiyaa keessa jiruun walfaallessuu fi madaallawwa hin taaneetu hawaasa idil addunyaa qaqqabaa jira - Ministeera Dhimma Alaa

51

Finfinnee,Bitootessa 30/2013(TOI)- Ministeerri Dhimma Alaa odeeffannoon haala qabatamaa Itiyoophiyaa keessa jiruun walfaallessuu fi madaallawwa hin taane hawaasa idil addunyaa bira gahaa akka jiru beeksiise.

Ministeerichi sarbama mirga namoomaa fi yakkoota biroo naannoo Tigraay ilaalchisee gabaasoota miidiyaaleen dhiyeessaa jiranirratti ibsa kenneera.

Ibsa kanaanis Odeeffannoo haala qabatamaa Itiyoophiyaa keessa jiruun walfaallessuu fi madaallawwa hin taane hawaasa idil addunyaa qaqqabaa jiraachuu ibse.

Gabaasoonni dhiyaaachaa jiran mootummaa federaalaa kan himatanii fi sarbama mirga namoomaa naannichatti raawwatame hundaaf mootummaan akka itti gaafatamu ta'uu ibsamaa jira jedhame.

Gabaasoonni kunneen mootummaa himachuurratti kan xiyyeeffatan madaallawaa kan hin taane ta'uu ministeerichi ifoomseera.

Ajjeechaa jumlaa Magaalaa Maayikaadiraatti lammiilee nagaarratti raawwatame dabalatee yakkawwan sarbama mirga namoomaa garee TPLFn karorfamee raawwataman ta'uu isaa mirkanaa'e hunda gabaasa golge ta'uu ibseera.

Gareen TPLF yakka raawwachuu qofa osoo hin taane, odeeffannoo madaallawaa hin taane kalaqee tamsaasuun hawaasa idil addunyaa bira odeeffannoon dogongoraa akka ga'u taasiisaa jiraachuu himeera.

Yaa ta'uutii hawaasni idil addunyaa dhugaa qabatamaa jiru qorachuun odeeffannoo dogongoraaf akka hin saaxilamnee fi mootummaan ItIyoophiyaa rakkoo lafarra jiruuf ka'umsa kan hin taane ta'uu akka hubatan gaafateera.

Dhugaan kan mirkanaa'u qaama walabaan qoratamee malee gabaasa himannaa maddeen Oduun kan dhugoomu akka hin taane ibseera Ministerri Dhimma Alaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015