Aartisti Abel Tasfaayee Itoophiyaatti deeggarsa namoomaaf kan oolu Doolara Ameerikaa miiliyoona 1 deeggarsa kenne.

63

Finfinnee,Bitootessa 27/2013(TOI)- Aartistiin beekaman Abel Tasfayee jedhamu kan maqaa masoo ‘The weekend’ jedhamuun beekamu Itoophiyaatti deeggarsa namoomaaf kan oolu Doolara Ameerikaa miiliyoona 1 deeggarsa kenne.

Aartistii beekaman dhalataa Itoophiyaa ta'e Abel Tasfayee(the weekend ) maallaqa Itoophiyaatti deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf oolu Doolara Ameerikaa miiliyoona 1 deeggareera.

Injifataan giraami Awwardii kun Itoopiyaatti kanaan dura lammiilee beelan miidhamaniif deeggarsa kennaa akka ture Ameerikaatti sagantaan nyaataa adduunyaa beeksiseera.

The weekend gama isaatiin qamooleen biroos deeggarsa namoomaa akka taasisaniif waamicha dhiyeesseera.

Deeggarsi kunis sagantaan nyaataa adduunyaa baatiiwwaan ja'an dhufaniif deeggarsa nyaataa hatattamaa dhiyeessuuf carraaqqii taasisuu akka gargaarus himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015