Naannoo Tigraay ilaalchisee ibsi miseensoonni biyyoota garee 7 baasan dhugaarraa kan fagaateedha - Ministeera Dhimma Alaa

67

Finfinnee, Bitootessa 26/2013 (TOI) - Naannoo Tigraay ilaalchisee ibsi miseensoonni biyyoota garee 7 baasan tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru giddugaleessa kan hin godhanne ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiiseera.

Mootummaan rakkoo naannichaatti muudate furuuf tarkaanfiwwan hedduu fudhachaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa kaleessa galgala laateen eereera.

Yaa ta'uutii ibsi Ministiroonni Dhimma Alaa miseensoota biyyoota garee 7 baasan dhugaa qabataamaa jiru kan hin hubanne ta'uu ibseera.

Mootummaan miidiyaa dabalatee dhaabbileen deeggarsa namoomaa naannicha keessa akka socho'an eeyyama hin malle laatus, deeggarsi namoomaa hawaasa idil addunyaa taasiisaa jiran xiqqaa ta'uu ibsichi kaaseera.

Yakka sarbama mirga namoomaa naannichatti qaqqabe jedhame ogeeyyiin mirga namoomaa idil addunyaa akka qorataniif eeyyamni laatamee yeroo dhiyootti hojii kan eegalan ta'uu ministeerichi ibseera.

Lammiilee miiliyoona 4.2 deeggarsi namoomaa qaqqabe keessaa deeggarsi hawaasa idil addunyaan taasiifame 1/3 qofa ta'uu himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015