Aadde Adaanech garee taphatoota kubbaa Miilaa leencootaa Qeeraatif deeggarsa kennaan

108

Finfinnee,Bitootessa 25/2013(TOI)-Kantiibaan Itti aantuu Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee guyyaa har’aa Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Laaftoo naannoo Qeeraatti kan argamu dirree Almaaziyyeetti haala Gareen kubbaa miilaa waaliyaa irra jiru abbootii qabeenyaa waliinii fi namoota qe'ee sanaa hawaasa biratti jaalalaa fi fudhatama qaban waliin ta’uun daawwataniiru.

Garee leencootaa Qeeraatifis deeggarsa uffata ispoortii fi kubbaan kennamme akka jiru Kantiibaan Ittaantuu Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himaniiru.

Dirreen Almaaziyyee, dirree guddaa miseensoota taphattoota garee biyyaalessa dabalatee taphattoota gurguddoo hedduu kan uumeedha jedhan.

Dirreen kuni jiraattoota naannawa sanaatiif akka tolutti, maqaa gaarii fi beekkamtii isaa bifa madaaluun akkasumas dargaggeeyyiif oolmaa ispoortii irra darbee carraa hojii kan uumudhas jedhaniiru.

Giddu gala jaalalaa, obbolummaa fi walta’iinsaa akka ta’utti Bulchiinsi magaalichaa dureeyyii fi jiraattoota naannawaa sanaa waliin ta’uun hatattamaan kan misoomsu ta’uu beeksisuun barbaadas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015