Godina Matakkal aanaa Maanduuraatti shiftoota hidhachuun ummata nagaa ajjeesanirratti tarkanfii fudhatamee

76

Finfinnee, Bitootessa 23/2013(TOI)- Godina Matakkal aanaa Maanduuraatti shiftoota hidhachuun ummata nagaa ajjeesanirratti tarkanfii fudhatameen 10 kan ta’an barbadeeffamaniiru- koomandi poosti Godinichaa.

Godina Matakkal aanaa Maanduuraatti shiftoota hidhachuun ummata nagaa ajjeesanirratti tarkanfii fudhatameen shiiftoonni 10 barbada’uu komandi Poostin Godinichaa beeksiseera.

Qindeessaa koree Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadin hunda’ee kan ta’an Leetenal Janaral Asrat Denneeroo ji’oota muraasan dura godinicha gara nageenya duraatti deebisuuf koomandi poostichi hojii hojjateen jijjiramni hedduun mul’ataniiru jedhan.

Godina Matakkal aanaa Maanduuraatti dhukaasa shiiftootan banameen lubbuun lammiilee nagaa 7 darbuufi tokkoo immoo mada’uu himaniiru. Akkuma gochaan kun raawwateen raayyaan Ittisaa Biyyaa iddichaa qaqqabuun tarkanfii shiiftootarratti fudhateen shiftoota 10 barbadeessuu himaniiru.

Shiftoonni biroo shan boji’amuufi mada’uu akkasumas kan hafan irratti tarkanfii fudhachuuf barbaduurratti akka argaman himaniiru.Shiftoonni lakkoofsi isaani kuma 3fi 500 ta’uu aanoota shanitti harka kennachuun hoggantoota koomandi poostichaa waliin walitti dhufeenya taasisaa akka turanis qindeessan korichaa himaniiru.

Hoggantoonni kunneen aanaasaanirraa waamamanii yeroo Gilgal Balasitti mariirraa turanitti rakkoon kun mudachuus himaniiru.

Nageenya mirakaneessun du’aati ummataa hir’isuuf miseensoota garee shiftaa hidhatanii gara bosonatti galan gara nagaatti fiduuf cimsine waan hojjanneef hedduun harka kennatanii mari’achaa yeroo jirruutti shiftoonni nagaaf harka hin kennanne namoota nagaarratti haleellaa raawwataniiru jedhan.

Fuldurattis shiftoota nagaan harkasaani kennatan gara nagaatti deebisuuf,harka kan hin kennanneefi namoota nagaarratti haleellaa kan rawwatan irratti tarkanfiin ni fudhatama jedhan.

Namoota ummanni akka walshakkuufi gara walitti bu’insatti akka galuf odeeffannoo sobaa tamsaasan gorsuufi koomandi poostif kennuun akka gargaarus Letenal Janaral Asrat Denneeroo waamicha dhiyyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015