Komishiniin Poolisii Federaalaa Filannoo marsaa 6ffaa nagaa qabeessa taasiisuuf hojii qindoomaa eegaluu ibse

128

Finfinnee, Bitootessa 20/2013 (TOI) – Komishiniin Poolisii Federaalaa Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa nagaa qabeessa taasiisuuf hojii qindoomina qabu hojechuu eegaluu beeksiseera.

Komishinich har’a komishinaroota naannolee, Finfinnee fi magaalaa Dirree Dawaa waliin viidiyoo konfaransiin mari’ateera.

Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa nagaa qabeessa taasiisuuf hojiilee hojjetamaa jiranirratti marii gaggeessaniiru.

Qophii Filannoo ilaalchisee sadarkaa federaalaatti karoora qophaa’e bu’uura taasiisuun naannoleen hundi karoora mataa isaanii qopheessuun caasaalee nageenyaa sadarkaan jiraniif hubannoo laachuun gara hojiitti erga galamee dhimmoota nageenyaa filannootti gufuu ta’uu danda’anirratti mari’atameera.

Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraala Dammallaas Gabramikaa’eel sirna hariiroo cimsuun hojiilee nageenyaa hojjetaman guyyoota 15n gamaaggama gaggeessuuf Komishinaroonni naannolee fi bulchinsa magaalotaa hariiroo dhaabbataa mataa isaanii qabaachuu qabu jedhan.

Komishinaroonni naannolee fi bulchinsa magaalotaa qindoominaan hojii isaanii gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Miseensoonni Poolisii hundi hojii nageenyaa beekkumsarratti hundaa’een hojjechuu qabu jechuun dubbachuu isaanii ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.

Farreen nageenyaa adeemsa Filannootti gufuu ta’uuf socho’aa jiran yeroon furmaata itti laachuuf qindoominaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Magaalaa Finfinnee Sodaa nageenyarraa bilisa taasiisuuf opireeshiniin qinda’aan tibbanna gaggeeffame naannolee fi bulchinsa magaalotaa biroo keessattis hojjetamuu qaba jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015