Barattoota Qormaata kutaa 12ffaa bara 2012 fudhatan keessa walakaa ol qanxii 350 ol fidan.

197

Finfinnee,Bitooteessa 20/2013(TOI)- Barattoota Qormaata kutaa 12ffaa bara 2012 fudhatan keessaa harki walakkaa ol 350 fiduu Ministeerri Barnootaa ibsera.

Rakkoo Covid 19'n qormaanni kutaa 12ffaa bara 2012 torban muraasa dura kennamu qabxiin gaariin galmaa'era jedhan daayirekteerri Olaanaa Eejansii Madaallii barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa dooktar Dillaamoo Otoree.

Bu'aa qormaataa kanaanis barattootni qabxii 600 ol fidan 702 yoo ta'an, isaan keessaa 521 dhiira,181 ammoo shamarraniidha jedhamera.

Qabxii Olaanaan barana galmaa'es 669 jedhan Dooktar Dillaamoon. Qabxiin baranaa kan waggoota darbeerra fooyyee qabaachuun barattootni yeroo gahaa argachuun waan dubbisaniifis jedhan.

Barattootni tajaajila interneetii argachuu dandaa'an weebsaayitii Eejensichaa fayyadamuun kanneen hin arganne ammoo karaa ergaa gabaabaa 8181'n ID isaanii galchuun boruu eegalanii bu'aa qormaata isaanii beekuu akka dandaa'an himameera.

Barattootni ID hin argatiin kan ‘application form'n qoraman karaa mana barnootaa isaanii bu'aa qormaataa baruu danda'us jedhan.

Bara 2012 baraootni 350,000 qormaataa kutaa 12ffaa'f galmaa'anii barattootni 319,796 qormaata fudhachuu Eejensichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015