Gareen Biyyaalessa Itoophiyaa boru Abujaanitti Kotdivoor waliin taphata.

121

Finfinnee,Bitootessa 20,2013(TOI)-Gareen Biyyaalessa Itoophiyaa boru hiree hirmaannaa Waancaa Afrikaa 2022 murteeffachuuf Abujaanitti Kotdivoor waliin taphata.

Itoophiyaan morkii cimaa ishee eeggatuuf dursitee of qopheessuuf Jimaata gara Kotdivoor imaluun shaakala itti fufteetti.

Roobii Maadagskaar injifachuun carraa darbuu kan bal’ifate garee biyyaalessaa Itoophiyaa hirmaannaa waancaa Afrikaa bara 2022 murteeffachuuf Kootdivoor waliin qixa bahuun qofti gahaadha.

Gareen biyyaleessa Itoophiyaa ramaddii isaa keessa qabxii 9n sadarkaa lammaffaa irratti argabama. Tapha waancaa bara 2022tif darbuufis Madagaskaar qaphixii gatuu ykn tapha bor Kootdivoor waliin xapataniin qabxii tokko argachuu isaan barbaachisa.Jimaata darbe dirreen ala Nijeer injifachuun darbuushee kan mirkaneeffatte Kotdivoor boru sagantaa dhuma guutuuf taphatti.

Itoophiyaafi Kootdivoor taphoota shanan kana dura waliin taphataniin yeroo 2, 2 wal injifachuun tokko qixaan xumuruun gahuumsa walfakkaataa qabu. Ramaddichumaa boru Maadaagaskaar-Nijeer waliin taphatu.

Hanga ammaatti biyyoota 23 gara Kaameroon imalan keessaa biyyoonni 17 hirmaannaa waltajjichaa mirkaneeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015