Finfinneetti kaleessa balaawwan ibiddaa qaqqabeen qabeenyi tilmaamaaman miiliyoona 6 ol barbadaa’e

42

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (TOI)- Magaalaa Finfinneetti kaleessa balaawwan ibidda qaqqabeen qabeenyi tilmaamaaman Birrii miiliyoona 6 olii barbadaa’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa bulchiinsa magaalichaa beeksise.

Hirmaannaa olaanaa taasifameen qabeenyi tilmaamaaman Birrii miiliyoona 800 ta'uu balaa ibiddichaarra oolfamuu ibsameera.

Itti gaafatamaan garee kominikeeshinii komiishinichaa obbo Gulilaat Geetahuun, magaalichatti kaleessa iddoowwan 6tti balaan ibiddaa qaqqabuu himaniiru.

Balaan ibiddaa kun kutaa magaalaa Laaftoo aanaa 2, kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 4 fi aanaa 6, kutaa magaalaa Gullaleetti ka’uu himaniiru.

Balaawwan qaqqabaan kanaan waliigala qabeenyi Birrii miiliyoona 6 olitti tilmaamamu barbada’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015