Lammiileen Itoophiyaa Loos Anjalas jiraatan dhiibbaa Ameerikaan Itoophiyaarratti taasiisaa jirtu mormuun hiriira gaggeessan

125

Finfinnee, Bitootessa 8/2013 (TOI) - Lammiileen Itoophiyaa fi dhalootaan Itoophiyaa Loos Anjalasii fi naannawaa ishee jiraatan dhiibbaa Ameerikaan Itoophiyaarratti taasiisaa jirtu mormuun hiriira gaggeessaniiru.

Lammiileen kunneen duula olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraayitti gaggeesse deeggaruu fi mootummaan Ameerikaa birmadummaa Itoophiyaarratti dhiibbaa hin mallee qaqqabsiisaa jiru mormuun Loos Anjalasiitti hiriira mormii gaggeessaniiru.

Murtoon Ameerikaan murteessaa jirtu loogummaan kan guuttammee fi ragaa qabatamaarratti kan hin hindoofne ta’uu hiriirtoonni ta’uu kunneen ibsaniiru.

Itoophiyaa ilaalchisee qaamolee mootummaa Ameerikaan ragaalee ba’aa jiru mormuun mootummaan Ameerikaa murtoo odeeffannoo sirriirratti hundaa’e laachuu akka qabu gaafataniiru.

Giddugalummaa Hidha Haaromsaa irratti muul’atus balaaleeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015