Hanqinni meeshaalee hargansuu nam-tolchee fi Oksiijiin muudata waan jiruuf kan yeroo kami caalaa of eeggannoon barbaachisaadha jedhame

79

Finfinnee, Bitootessa 5/2013 (TOI)- Guyyaadha gara guyyaatti lakkoofsi namoota vaayraasii koronaan lubbuun darbu dabalaa jiraachuu Instiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksise.

Lakkoofsi namoota sababa weerara vaayrasichaan lubbuun isaanii dhaabaanii fi namoonni tajaajila dhukkuubbii cimaa keessa jiranii dabalaa jiraachuu Instiityuutiichi ibseera.

Itoophiyaatti guyyaa kaleessa qofa vaayraasii koroonaatin lubbuun namoota 30 darbeera.Lakkoofsi kunis erga weerarri covid-19 biyya keessa galee as isa olaanaa ta’uun galma’eera.

Hanga ammaattis weerara vaayrasii kanaan lubbuun namoota kuma 2 fi 540 darbuu himameera. Kan keessaa % 74 gidduugala tajaajila vaayraasii kanatti qophaa’eetti lubbuu isaanii kan dhaban yoo ta’u, % 24 immoo qorannoo reeffaa irratti taasifameen bira gahameera jedhame.

Hanga ammaattis naannoolee fi magaaloonni lakkoofsa du’aatti olaanaa galmeessan Finfinnee kuma 1 fi 852,Oromiyaa 256, Naannoo Amaaraa 105 fi Naannoo Sidaamaa 75 ta’uu Instiityuutichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015