Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen dhaabbata gargaarsa daa’immanii ‘Hoop Foor Faazarlas’ jedhamu daawwataniiru

74

Finfinnee,Bitootessa 1/2013 (TOI) – Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen dhaabbata gargaarsa daa’immanii ‘Hoop Foor Faazarlas’ jedhamu daawwataniiru.

Dhaabbanni gargarsaa daa’immanii biyya keessaa ‘Hoop Foor Fazarlas’ jedhamu kun bara 2008 kan hundaa’e yoo ta’u, daa’immaan maatii hin qabnee fi deeggarsa barbaadan gargaaruuf kan hundaa’eedha jedhamera.

Yeroo ammaa daa’immaan 35 guddisaa jiraachuu ibsameera.

Dhaabbatichi dhiyeessii meeshaalee barnootaa fi kanneen walqabatan irratti kan hojjetu ta’uus eerameera.

Biiroo dhimma Hojjetaa fi hawaasummaa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun biyya keessatti daa’immaan Guddifachaaf ni mijeessa jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015