Uummanni Sudaan Pireezidaanti Al Sisii kan morman Ijipti fedhii ishee karaa sudaanin galmaan gahachuuf hojjechaa jiraachuu ishee hubachuuni”- Obbo Halii Yaahiyaa

60

Finfinnee,Bitootessaa,1/2013(TOI)-
“ Uummanni Sudaan Pireezidaanti Al Sisii kan morman Ijipti fedhii ishee karaa sudaanin galmaan gahachuuf hojjechaa jiraachuu ishee hubachuuni”- Obbo Halii Yaahiyaa
ogeessa miidiyaa lammii Sudaaniifi xinxaalaa siyaasaa Afrikaa Bahaa.

Uummanni Sudaan Pireezidaanti Al Sisii kan morman Ijipti fedhii ishee karaa sudaanin galmaan gahachuuf shira xaxaa jiratu balaaleffachuun ta’uu Obbo Halii Yaahiyaa ogeesssi miidiyaa lammii Sudaaniifi xinxaalaan siyaasaa Afrikaa Bahaa beeksisaniiru.

Obbo Halii Yaahiyaan akka ibsanitti, tibba darbe yeroo Pireezidaanti Al Sisiin wayita Kaartumitti argaman mormiin guddaan kan isaan mudate Ijipti dhiibbaa Sudaan irratti gochuun faayidaa ishee kabachiisuufi shira xaxaa jirtu mormuuni.

Ijipti karaa Kaaba Bahaan lafa bal’aa Sudaan humnaan weerartee qabachuun dhimma uummata Sudaan haaloo qabachiiseedhas jedhaniiru.

Ijipti amma waan Sudaniif quuqamte fakkaatee dhihaachuun Sudaaniif yaaddee akka hintaane uummanni Sudaan sirriitti hubatas jedhaniiru.

Uummanni Sudaan ijaaramuun Hidha Haaromsaa faayidaa akka isaaf laatu ni beeka kan jedhan Obbo Haliin, Ijipti yeroo Hidha Asuwaan ijaartu mandara 27fi mukkeen teemerii miiliyoonni 3 oli danbaliin fudhatamuufi lammiileen Sudaan kumni 500 buqqa’aniiru badii guddaa kanaaf kaasaa osoo hin kennin inumaayyuu lafa isaanii humnaan weeraruun hanga Har’aatti dhimma Uummanni Sudaan cimsanii mormaniidha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015