Naannoon Oromiyaa, Beenishaanguul Guumuuz fi Gaambeellaan naannoo Tigraay deebisanii dhaabuuf Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 82 arjoomuuf waadaa galan laataniiru.

56

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2013 (TOI) – Naannoon Oromiyaa, Beenishaanguul Guumuuz fi Gaambeellaan naannoo Tigraay deebisanii dhaabuuf Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 82 arjoomuuf waadaa galan laataniiru.

Deeggarsicha Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa,Preezdaantiin naannoo Beenishaanguul Guumuuz obbo Ashaadilii Hasanii fi kan Gaambeellaa obbo Uumood Ujuluun magaalaa Maqaleetti argamuun laataniiru.

Naannoon Oromiyaa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 57, naannoon Beenishaanguul Guumuuz Birrii miiliyoona 15 fi Gaambeellaan miilyoona 10 laachuuf waadaa galan kennaniiru.

Bulchaa olaanaan bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaan deeggarsicha fuudhaniiru.

Dooktar Muluu Naggaan deeggarsa taasiifameef naannolee kanneen galateeffataniiru.

Sirna walharkaa fuudhinsaa kanarratti Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay fi hogganaan Komaand Poostii naannoo Tigraay Leetanaal Jeneraal Yohaannis Gabramasqal argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015