Dubartoonni barnootaan ba’aa qabeessa ta’an iddoo olaanaa ga’uu akka danda’an amananii barachuu qabu jedhan Pireezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen

98

Finfinnee, Gurraandhala 29/2013 (TOI) – Dubartoonni barnootaan ba’aa qabeessa ta’an iddoo olaanaa ga’uu akka danda’an amananii barachuu qabu jedhan Preezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen.

Pireezdaant Saahilawarq guyyaa dubartootaa idila addunyaa sababeeffachuun Mana Barumsa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa Tulluu Diimtuu daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniin miseensota gumii Kooriyaa mana barumsichaa waliin mari’ataniiru.

Dubartoonni barnoota isaaniin bu’aa qabeessa akka ta’an deeggrsi mana barumsichaa keessatti taasiifamu gaarii ta’uu ibsaniiru.

Barnoota alatti daandiin ittiin guddina argatan hin jiru kan jedhan Pireezdaanti Saahilawarq, tattaaffiin, dhamaatii, dorgomaa fi ofitti amanamummaan murteessaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015