Wixineen labsii sirna to'annoo tajaajila komunikeeshinii fi poostaa diriirsuuf dandeessisu qophaa'e - ENA Afaan Oromoo
Wixineen labsii sirna to'annoo tajaajila komunikeeshinii fi poostaa diriirsuuf dandeessisu qophaa'e
Finfinnee Guraandhala 29/2011 Wixineen labsii sirna to'annoo (reguleeshii) tajaajila komunikeeshinii fi poostaa diriirsuuf dandeessisu qophaa'uusaa ministeerri maallaqaa beeksise.
Seerri 'wixinee labsii tajaajila komunikeeshinii' jachuun qophaa'e damee komunikeeshinii hoogganuu fi to'achuuf akka dandeessisu da'eettaan ministiraa Dr. Iyyoob Takkaalinyi ibsa kennaniin beeksisaniiru.
Dhaabbilee misoomaa qabiyyee mootummaa jala jiran damee dhuunfaaf akka dabarsu ministeera barnootaaf kennamuusaa dabalanii ibsaniiru.
Haala kanaan sirna reeguleeshinii tajaajila telekomunikeeshinii fi poostaa diriirsuuf kan dandeessisu wixineen labsii qophaa'uusaa ministeer da'eetaan kun hubachiisaniiru.
Wixineen labsii kun kan qophaa'e garee koree teekiniikaa fi gorsaa damee kanaaf hundaa'e waliin ta'uuni.
Hooggantoonni mootummaa olaanoo fi ogeeyyonni biyya alaa damee kanaa labsii kana akka ilaalan ibsanii biyyoota biroorraas muuxannoon fudhatameera jedhaniiru.
Wixineen labsii kun biyyattiitti damee komunikeeshinii waliin karaa wal qabateen gabaa dijitaalaa ijaaruuf, invastimentii babal'isuuf akkasumas sadarkaa idil addunyaatti tajaajila dorgomaa ta'e kennuuf ni dandeessisa jedhaniiru.
Kanneen tajaajila komunikeeshinii kennaniif eeyyama kan kennanii fi damee kana kan hoogganu, kan to'atuu, abbaa taayitaa reegulaatoorii bilisa hundeessuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Ispeektiramiin firiikuwensii raadiyoo sirnaan hojiirra akka ooluu fi kafaltii sirrii walitti qabuuf akkasumas damee komunikeeshinii bal'isuuf akka fayyadu dubbataniiru.
Wal dhabiinsa gama industirii kanaatiin uumaman kan araarsu qaama ol iyyannoo dhaggeeffatu hundeessuuf akka gargaaru eeraniiru.
Wixineen labsii kun mana maree ministirootaatiin irratti mari'atamee manni maree bakka bu'ootaa akka mirkaneessu yaanni murtee kennamuu ibsaniiru.
Mootummaa Itoophiyaa Itiyoo-telekoom dabalatee kubbaaniyyoota gurguddoota addaddaa biyyattiin qabdu guutummaatti yookaan walakkaadhaan gara dhuunfaatti dabarsuuf murtee dabarsuunsaa ni yaadatama.