Ayyaanni injifannoo Karra Marraa paarkii michummaa Itiyoo-Kuubaatti kabajamaa jira

201

Finfinnee, Gurraandhala 26/2013 (TOI) – Ayyaanni injifannoo Karra Marraa waggaa 43ffaa paarkii michummaa Itiyoo-Kuubaatti kabajamaa jira

Qophii yaaddannoo kanarratti miseensoota loltuu waraanicharratti hirmaataan, amaabasaaddara Kuubaa Viliima Tomaas fi jirattoonni magaalaa Finfinnee argamaniirru.

Somaaliyaa waggoota 21 kan bulchaan Ziyaad Baarreen Somaliyaa gudditti ijaruuf dangaan somaaliyaa haga awwashitti jedhanii dibbee lolaa rukuchuun isaan ni yaadatama.

Abjuu isaanii kan mirkaneeffachuufis bara 1969 Itoophiyaa weraruuf lola bananii turan.

Lola kanarrattis Gurraandhala 26/1969 loltonnii kuuba fi Itoophiyaa wal ta'uun bakka Karra marraa jedhamautti injifachuun lilichi injifannoo Itoophiyaan goolabame.

Injifannoon karra marraa kunis har'a yeroo 43ffaaf Finfinneetti kabajameera.

Injifannoon Karra Marraa Itoophiyaanoonni tokkuummaan dhaabbachuun, jaalala biyya isaaniif qaban kan mul’isan tahuun kabajaa fi beekkamtiin kennamuuf akka qabu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015