Itoophiyaa artiist Xilahuun Gassasee faarsaa fi hawwaa ture ijaaruuf qaamni hundi ga'ee irraa eegamu ba'uu qaba - Pireezdaant Saahilawarqi

68

Finfinnee, Gurraandhala 26/2013 (TOI) - Itoophiyaa artiist Xilahuun Gassasee faarsaa,yaadaa fi hawwaa ture ijaaruuf qaamni hundi damee hojii qabuun ga'ee irraa eegamu ba'uu akka qabu Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsaniiru.

Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Konsartii yaadannoo artiist Xilahuun Gassasee paarkii Michummatti qophaa'erratti argamaniiru.

Itoophiyaa artiist Xilahuun Gassasee yeeddaleesseef, faarsaa,yaadaa fi hawwaa ture ijaaruuf qaamni hundi damee hojii irratti bobba'een cimee hojjechuu qaba jedhan.

Pireezdaant Saahilawarqi, biyya jaalachuu, tokkummeessuu fi waliiti dhufeenya ummataa cimsuuf namni artiist Xilahuun Gassaseen dorgomu hin jirru jedhan haasawa saganticharratt taasiisaniin.

Xilahuun Aartiidhas biyyas jedhan.Yeeddaloo isaan ofii boo'ee, daa'imaa hanga beekaatti imimmaan roobseera jedhan Pireezdaant Saahilawarqi.

Gumaachi artiist Xilahuun Gassaseen aartiif gumaache kennaa madaallamuu hin dandeenye ta'uu ibsan.

Galiin Konsarticharraa argamu % 5 lammiilee iddoolee garaagaraatti qa'ee fi qabeenya isaanirra buqqa'an deeggaruuf kan oolu ta'uu ibameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015