baasaleen dhiittaa mirga namoomaa gahee qorachuun karaa seera qabeessaan yoo dhiyaatee mootummaan kanneen badii kana hojjetan irratti tarkaanfii barbaachisu fudhuu qophaa'a ta'u ddubbi himaan ministeera dhimma alaa Ambaasandar Diinaa Muftii himan.

66

Finfinnee,Gurraandhala 24/2013- Gabaasaleen dhiittaa mirga namoomaa gahee qorachuun karaa seera qabeessaan yoo dhiyaatee mootummaan kanneen badii kana hojjetan irratti tarkaanfii barbaachisu fudhuu qophaa'a ta'u ddubbi himaan ministeera dhimma alaa Ambaasandar Diinaa Muftii himan.

Hojiilee torbani kan gama dippilomaasii, dinagdee fi dhimma mirga lammiilee eegsisuu irratti hojjetame ilaalchisuun Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti ibsa miidiyaaf kennan.

Naannoo Tigiraay deebisanii ijaaruu fi gargarsaa namooma kennu irraatti xiyyeefatamee hojjetama jira jedhaniru. Gabaasalee dhiitta mirga namooma naannichatti gaheera jedhaman qamni bilisa ta'e qoratee yoo dhiheesse mootummaan tarkaanfi barbaachisu fudhachuu qopha'adha jedhaniiru ambaasadar Diinaan.

Mootummaan lammilee miiliyoo 3 oliif harkaa 30 gargaarsa namooma kennaa jiras jedhaniru.

Mariin dhimma ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaa, biyyoonni sadan mari'ataa turan addaan citee ture qindeessummaa Koongootiin eegalamuufis jedhan Ambaassaadar Diinaan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015