Naannoo Gambeellaatti filannoo barana karaa nagaan akka raawwatamuuf qindoominaan hojjetamaa jira- Biiroo Nageenyaa Naannichaa

72

Finfinnee,Gurraandhala 22/2013(TOI)- Naannoo Gambeellaatti filannoo barana karaa nagaan akka raawwatamuuf qindoominaan hojjetamaa jira- Biiroo Nageenyaa Naannichaa

Naannoo Gambeellaatti nageenya kabachiisuu cimsuun filannoon baranaa karaa nagaan akka akka raawwatamuuf qindoominaan hojjatamaa jiraachuu Biiroo Nageenyaa Naannicha beeksise.

Hogganan Biiroo Nageenyaa naannicha Obbo Toomaas Tuuti, nageenya naannichaa kabachiisuun filannoon baranaa karaa nagaan raawwatamuuf qaamolee nageenyaa naannoolee ollaa wajjin qindoominan hojjetamaa jira jedhan.

Yeroo ammaa naannichatti Magaalaa Gambeellaa dabalatee Aanaale 14 keessatti meeshaaleen filannoof oolan kan qaqqabsifaman yoo ta’u, filannoon kun karaa nagaan akka raawwatamuuf qaamooleen nageenyaa gahan kan jiru ta’us himaniru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015