Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad guyyaa injiffannoo Aduwaa 125ffaa sababbeeffachuun erga baga gessani dabarsan.

196

Finfinnee,Gurraandhala 22/2013(TOI) – Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad guyyaa injiffannoo Aduwaa 125ffaa sababbeeffachuun erga baga gessani dabarsan.

Dooktar Abiy injifannoon Adwaa bu’aa gootummaa Itoophiyaanoota, miiraa jalaala biyyaa fi ogummaa waraanaati jedhaniiru.

Gootummaan Gooraadee fayyadamuun diinaa kuffisuun caalee hin jiru.

Addaddummaa cinatti dhiisuun waloon biyya tokkoof kan dhaabbata, moormaa ofii albeef dhiyeessuu caalaa jalaallii biyyaa essaayyuu hin dhufuu jedhaniiru.

Injifannoo Adwaa nu Itoophiyaanootaaf hiikoo adda yoo nuf laatuu, akka walkabanjuu kan taasisuudha.

Baroota dheeraaf Itoophiyaanoota adda addaa baasuuf, hokkoraa kaasuu fi biyyatti diiguuf yaaliin taasifamee fashala’uunsaa kanarra ka’eeti jedhaniiru.Adwaan Sabdaneessaa uummattoota Itoophiyaati.

Duula injifannoo Adwaa irratti daa’ima umrii wagga 10 hanga manguddoo waggaa 90tti hirmaataniiru.

Dubartoonni gala qopheessuu hanga lolatti, abbootii amantaa musiliimaa fi kiristaanaa kadhata hanga adda waraanaatti hirmaachuu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Har’as naannoo Itoophiyaa kamuu yoo seennee, seenaa sabafi sablammoota yoo qorannee, kallattiin hundaa yoo gaafannee uummattoota Itoophiyaa keessaa akakayyuun gara Adwaa hin dullee hin jiru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015