Caffeen Oromiyaa Yaa'ii idilee isaa taa'a jira

86

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2013 (TOI) –Yaa’ii Caffee bara kanaa adda kan taasisu yeroo itti oftuulaa ABUT qabsoo karaa nagaa didee diigumsa filate itti dhabamsiifnee imala badhaadhinaa milkeessuuf itti hojjechaa jirru ta’uu isaati jedhan Af-yaa’iin Mootummaa caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo.

Kana malees jalabultii injifannoo Adawaa waggaa 125ffaa kan qabsaawonni Oromoo hedduun itti wareegaman kabajuuf jala bultii isaatti argamuun keenyas yaa’ii Caffee kana adda taasisa jedhan.
Gara fuula duraattis hojiileen hawaasa keenya fayyadamaa taasisan hedduun kan nu eeggatu ta’uu beeknee hunduu tumsa gochuu qabna jedhan aadde Loomiin.

Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa gabaasa raawwii hojii ji'a jahaa bara 2013 Caffeef dhiyeessaaniiru.

Nageeenya Naannoo Oromiyaa jeequuf waamichi diinni taasisaa ture tokkummaa mootummaa fi hawaasaatiin fashalaahuu danda’eera jedhan Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.

Hawaasni keenya warra nageenya isaa jeeqan hiriiran bahee balaaleffachuu bira darbee duulaan bahee naannoo isaa keessa baasuuf hojii qulqulleessuu hojjetaa ture jedha.

Olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojiilee hojjetamaniin galmeewwan kuma 25 fi 700 ol dhiyaatan keessa galmee kuma 18fi 800f murtiin kennamuu beeksisan.

Filannoo bara kana gaggeeffamuuf Mootummaan xiyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira jedhan.

Paartileen siyaasaa tokko tokko yaada durii qabachuun yaada ittiin dorgomanii mo’atan qopheessa hin jirani.

Sababii quubsaa hin taaneenis filannoo bara kanaa itti hin hirmaannu jechaa jiru.

Kun immoo imaammataafii yaada qabatanii uummatatti dhiyaatan dhabuudha jedhan.

kanaaf yeroo hafetti fayyadamuun imaammata isaanii qabatanii dirree diimokiraasii mijatetti fayyadamuun filannoof akka of qopheessanis himanii jiru.

Bara kana hojii misooma jallisiitiin qamadii oomishuuf lafti heektaarri miliyoona 6.3 akka misoomee Preezdaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisa himaniiru.

Kanneen keessa heektaarri Miliyoona 2.02 kilaasteraan kan misoome jedhan.

Bara kana Projktoonni bishaan dhugaatii gara garaa kuma 1fi 511 xumuramuun manoota miliyoona 1.2 fayyadamoo taasisanii jiru.

Hojii gama carraa hojii uumuutiin hojjetameen lammiilee kuma 500fi kuma 25 fi 200 ta’aniif carraan hojii uumameera.

Hojiilee investimentii irratti qonnaan bulaa bal’inaan hirmaachisuun qonnaan bulaa kuma 3fi 560 ta’an gara hojii investimeentiitti galchuun danda’ameera.

IMX 293 fi abbootii qabeenyaa 526 dabalatee walimaa galatti hojiin investimeentii birrii biliyoona 86 oliin hojjetamaa jiraachuu Pirezedaanti Shimallis beeksisanii jiru.

Ji’oottan jahaan darban keessatti qorannoo yakka malaammaltummaa gaggeeffameen tilmaama qabeenya yakkaan argamuun beekame Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 17.7 falmuudhaan Birrii miiliyoona 68.9 kaazinaa mootummaatti akka deebi’u kan taasifameera jedhan.

Qabeenyi mootummaa qisaasa’e Birrii Miiliyoona 89.8 tarkaanfii bulchiinsaatin kaazinaa mootummaatti akka deebi’u taasifameera.dabalataanis lafti investimantiin hektaarri torba ragaa sobaatin nama dhuunfaa irraa fudhatame qorannoo gaggeeffameen tarkaanfii bulchiinsaatin abbaa qabeenyaatif akka deebi’u taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015