Naannoo Oromiyaa godina addaa Oromiyaa naannawwaa Finfinneetti baratoota kuma 161 fayyadamoo kan taasisu Sagantaan nyaata barattootaa,uffannaa danbiifi dabtara barnootaa jalqabsiisuu geggeeffamera.

158

Finfinnee, Gurraandhala 19/2013 (TOI)-Naannoo Oromiyaa godina addaa Oromiyaa naannawwaa Finfinneetti baratoota kuma 161 fayyadamoo kan taasisu Sagantaan nyaata barattootaa,uffannaa danbiifi dabtara barnootaa jalqabsiisuu geggeeffamera.

Sagantaa kana irratti itti aantuun Kantibaa magaala Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Pireezidantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Hogganaan biroo barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo fi sadarkaa kantibaatti hogganaan qindeessa damee tajaajilaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Zanxiraar Abayii fi hoggantoonni biroon argamaniru.

Sagantaa kana irratti bulchiinsi magaala Finfinnee akkuma kanaan dura waadaa galeen sagantaa nyaata baratootaf dhiheessu karoorfateen gara hojiitti galuun ibsamera.

Sagantaa kanaan baratoonni kuma 161 fayyadamoo kan ta'an yoo ta'u birrii miiliyoona 669 raawwatama jedhamera.

Sagantaa kanaa baratoota haga kutaa 12 jiranituu fayyadamoo ta'aas jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015