Hoggantoonni aanaa Gubaa itti gaafatamummaa dachaa qabaachuu hubachuun hojjechuu qabu jedhame

56

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (TOI) –Hoggantoonni naannoo Beenishaanguul Guumuuz aanaa Gubaa itti gaafatamummaa dachaa qabaachuu hubachuun hojjechuu akka qaban Humni Qindoomaan hubachiise.

Aanaan Gubaa iddoo ijaarsi Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa itti gaggeeffamaa jiru yoo taatu, rakkoon nageenyaa godina Matakkalitti muudate ijaarsa hidhichaarratti sodaa uumee turuu Humni Qindoomaan kun beeksiseera.

Aanaa Gubaa jijjiiruun jireenyaa ummata Itoophiyaa hunda jijjiiruu ta’uu qindeessaa olaanaan Komaand Poostii Leetanaal Jeneraal Asiraat Denneeroon ibsaniiru.

Gubaarratti wareegamni guddaan kaffalamuu kan ibsan Leetanaal Jeneraal Asiraat Denneeroon, hoggansi aanichaa wareegama qaamoleen nageenyaa aanicha keessatti kaffalanirraa barachuun nageenya amansiisaa fiduuf hojjechuu qabu jedhan.

Bulchaa olaanaan aanaa Gubaa Buseenaa Rajiib gama isaaniin, rakkoon nageenyaa aanaa Gubaa muudatee ture yeroo ammaa furamaa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkoon nageenyaa naannichaatti muudatee ture ummata Itoophiyaa hunda kan qaaneesse ta’uu eeraniiru.

Rakkicha guutumaan guutuutti hundeerraa furuuf hoggansi aanichaa murannoon ni hojjeta jedhan.

Humni Qindoomaan kun Gubaa dabalatee ce’umsa hoggansaa aanaalee Godinichaa Daanguur, Maanduraa, Wambaraam, Bulanii fi Dibaaxxeetti gaggeeffame daawwateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015