Karaa walitti fufinsa qabuun hojii hojjetameen baay'ina homaa Awwaannisaa hir'isuun dand'amuu dhaabbanni nyaata fi qonnaa addunyaa(FAO) beeksise.

65

Finfinnee, Gurraandhala 17/2013 (FBC) – Karaa walitti fufinsa qabuun hojii hojjetameen baay'ina homaa Awwaannisaa hir'isuun dand'amuu dhaabbanni nyaata fi qonnaa addunyaa(FAO) beeksise.

Hojii kana gareen wal ta'uun kara walitti fufiinsa qabuun hojjetamuu isaan hooman awwannisa haaraan akka hin umaamen xiqqessuun danda'amuu dhaabbatichi beeksiseera.

Naannoo Oromiyaa fi saboota sablamoota fu umatoota kibbatti hoomaa awwaannisa umamee ture ittisuuf hojii lafoo fi karaa qilleensaan hojjetameen hooma awwaannisa kana xiqqeessuu danda'amuus dhaabbatichii beeksiseera.

Kibbaa Itoophiyaa fi Kaabaa Keeniyaatti Roobni xiqqateef weerarri hoomaa awwannisa gammoojjii akka xiqqaatu sababa tokko ta'uus Dhaabbanni Nyaataa fi Qonna Addunyaa (FAO) beeksise.

Yeroo ammaa hoomaan awwaannisa kun hanqaaquun inni buusee jiru xiqqaa ta'uu isaarran kan ka'ee isaa to'achuuf rakkisaa akka hin tanees dhaabbanni nyaata fi qonnaa Addunyaa ibseera.

Yeroo ammaa kana Itoophiyaatti homaan awwannisa hanqaaquu keessaa hin baanee naannoo Oromiayaa naannoo Harargee bahaa, Arsii FI Boorana akkasuma naannoo Saboota sablamoota fi ummatoota kibbaa naannoo Kibbaa Oomoo, fi Konsootti akka argamuu odeeffannoo Dhaabbanni nyaatafi Qonnaa addunyaa Tajaajila Oduu Itoophiyaaf kennee ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015