Yuuniyeenichi birrii miiliyoona 62.5niin jiddu galeessa meekaanaayizeeshinii qonnaa fi warshaa zayitaa ijaaruufi

57

Ambo Guraandhala  27/2011 Oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuu kan dandeessisu jiddu galeessa meekaanaayizeeshinii qonnaa fi warshaa zayitaa ijaaruuf qophii xumuruusaa yuuniyeeniin hojii gamtaa qonnaan bultootaa Amboo beeksise.

Ijaarsa jiddu galeessaa fi warshaa kanaaf baasii barbaachisu birrii miiliyoona 62.5 yuunuyeenii,miseensotaa fi waldaalee hojii gamtaa fi shariika dhuunfaatiin akka hojjetamu hubatameera. 

Hojii adeemsisaan yuuniyeenichaa obbo Gaaromsaa Baayyisaa tajaajila oduu Itoophiyaatiif akka jedhanitti, godinichatti kan argamu aanaa Dandiitti birrii miiliyoona 51n jiddu galeessi meekaanaayizeeshinii qonnaa  kan ijaaramu yoo ta’u, warshaan zayita oomishu birrii miiliyoona 11.5niin aanaa Tokkee Kuttaayeetti ni ijaarama.

Hojii ijaarsaa adeemsisuuf bulchiinsa aanaalee lamaan irraa lafa heektaara sadii fudhachuuaanii eeranii, ijaarsasaa baatii Bitootessaa dhufu jalqabsiisuuf qophiin xumuramuu beeksisaniiru.

Obbo Gaaromsaan akka jedhanitti, ijaarsi jiddu galeessa meekaanaayizeeshinii qonnaa yemmuu xumuramu tajaajiloota addaddaa akka qabaatu ibsanii, qonnaan bulaadhaaf meeshaalee qonnaa ammayyaa addaddaa gatii wal madaalaadhaan dhiheessuun hojii tokko akka ta’e dubbataniiru.

Kana maleess meeshaalee qonnaa ammayyaatiif meeshaalee jijjiirraa dhiheessuurra darbee qonnaan bulaaf wiirtuu leenjii ta’ee akka tajaajilu himaniiru.

Ijaarsi warshaan zayita oomishuu wayita xumuramu guyyaatti zayita qulqullinasaa eege liitira kuma 1 fi 500 ni oomisha, hafteen oomishaas nyaata looniif akka tajaajilu beeksisaniiru.

Ijaarsi jiddu galeessaa fi warshaa kanaa xumuramee tajaajila wayita jalqabu kutaalee namoota 100 ol ta’aniif carraa hojii akka uumu dubbataniiru.

Godina Shawaa lixaa aanaa Dandiitti itti gaafatamaan maanaajimanii misooma lafaa obbo Kabbadaa Hayiluu gamasaaniitiin, yuuniyeenichaaf deeggarsa barbaachisu hunda taasisaa akka jiran ibsaniiru.

Godinichatti hojii adeemsisaan hojii gamtaa qonnaan bultootaa aanaa Tokkee Kutaayee obbo Mul’ataa Hundee gamasaaniitiin, wiirtuu meekaanaayizeeshinii qonnaa fi warshaa warshaa zayitaa yuuniyeenichi ijaarsisuuf waldaansaanii deeggarsa taasisuuf qophaa’uusaa beeksisaniiru.

Yuuniyeeniin hojii gamtaa qonnaan bultootaa Amboo wayita ammaa waldaalee hojii gamtaa bu’uraa 143 miseensummaan kan of keessatti qabate yoo ta’u, kaappitaala birrii miiliyoona 99.5 akka qabu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015