Mootummaan Chaayinaa naannoo Tigiraayitti hojii deeggarsaa fi deebisanii dhaabuu taasifamaa jiru keessatti Hawaasni Idila-Addunyaa hirmaachuu qaba jechun waamicha dhiyeessite.

53

Finfinnee,Gurraandhala 16/2013(TOI)-Mootummaan Chaayinaa naannoo Tigiraayitti hojii deeggarsaa fi deebisanii dhaabuu taasifamaa jiru keessatti Hawaasni Idila-Addunyaa hirmaachuu qaba jechun waamicha dhiyeessite.

Dubbi Himaan Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Weenbiin biyyi isaanii naannoo Tigiraayitti lammiilee sababa olaantummaa seeraa kabachiisuun miidhaman akka deeggartu himaniiru.

Hawaasni idil addunyaas naannichatti nageenyifi tasgabiin akka dhufuf deeggarsa taasisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Chaayinaanis nyaata kanneen akka Ruuziifi Qamadii as dhiyootti gara Itoophiyaatti aka ergitus himaniiru.

Akkasumas Chaayinaan Itoophiyaafi Naannoo Tigraayitti nageenyaa waaraa akka dhufu abdii qaban himun Chaayinaan deeggrsa gama hundaan taasistuus cimsitee itti fufti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015