Magaloonni Adaamaa, Duukam, Bishooftuu fi malkaasaa tajaajila intarneetii saffisaa kan keennu 4G hojii jalqabe.

71

Finfinnee,Gurraandhala 11/2013(TOI)- Itiyoo-Telekoom interneetii moobaayilii saffisa cimaan fayyadamuu kan dandeessisu tajaajila 'LTE adivanved' jedhamu guyyaa har'aa Magaalaa Adaamaatti hojii jalqabsiise.

Tajaajilli kun Magaalaa Finfinneetiin alatti yeroo jalqabaaf Magaalota Riijinii Kibba Bahaa jala jiran kanneen akka Adaamaa,Bishiiftuu,Dukam, Moojoo,Galaanii fi Awaash Malkaasaatti kan hojii eegale jedhameera.

Interneetiin kun '4G LTE Adivanced' kan jedhamuufi harkifannaa interneetii kan furu jedhameera.

Magaaloonni har'aa irraa eegalee tajaajila Intarneetii 4G argataan kun kanaan dura kan isaan fayyadamaa tura tajaajila intarneetii 3G jedhamudha.

Sirna hojii jalqabsiisuu tajaajila intarneetii 4G kana irratti hoggantoota Itiyoo-Teleekoom dalabalatee kaneen biroo argamaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015