Fiigicha mana keessaa Poolaanditti gaggeeffameen Atleetoonni Itoophiyaa injifatan. - ENA Afaan Oromoo
Fiigicha mana keessaa Poolaanditti gaggeeffameen Atleetoonni Itoophiyaa injifatan.

Finfinnee, Gurraandhala 10/2013 (TOI) - Fiigicha mana keessaa Poolaanditti gaggeeffameen Atleetoonni Itoophiyaa injifataan.
Fageenya meetira kuma 3 Lamlam Hayiluu sa'aatii fooyya'aa bara kanaa galmeessuun moo'atteerti.
Atileet Lamlam dorgommicha xummuruuf daaqiqaa 8:31:24 itti fudhate.
Faantuu Warquu ammoo sadarkaa 3ffaan xumurteerti.
Meetira kuma 1 fi 500 dhiiroota gidduutti geggeeffameen Salamoon Baraggaa injifateera.
Meetira 800 ammoo Haabtaam Alamuu sadarkaa addunyaatti saatii ariifataa isa lammaffaa galmeessuun injifachuu ishee ibsameera.
Atileet Haabtaam Alamuun dorgommicha daqiiqaa 1:58:19 galuun injifattee.
Maddi:- Afrikaan Atileetikis Yuunatid