Guutuu naannoo Tigiraayitti humni elektirkii addaa cite jedhame.

67

Finfinnee, Gurraandhala 10/2013 (TOI) – Hafteen Juuntaa bu’uuraalee misoomaa elektiriikii irratti miidhaa qaqqabsiisaniin, guutummaa naannoo Tigiraayitti eleektirikiin irra deebiin adda citeera.

Hafteen juuntaa naannoo Adiiguudoom jedhamu sarara daddabarsa humna olaanaa Alaamaaxaa-Maheenii –Maqalee diriirfame irratti miidhaa qaqqabeen naannichaatti elektirikiin adda citeera.

Humni Elektirikaa Ityoophiyaa bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an deebisee suphuun tajaajila akka laatuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015