Itoophiyaan hojii jijjiirama qilleensaa irratti hojjeteen bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu himame

Finfinnee,Gurraandhala 10/2013(TOI)- Itoophiyaan hojii jijjiirama qilleensaa irratti hojjeteen bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu himame.

Komishiniin Eegumsa Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa,Inistiitiyutii Giloobaal Sagantaa Itoophiyaafi Ejansii Misoomaa Firaans waliin ta’uun jijjiirama qilleensaa irratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Kaayyoon waliigaltiichas sadarkaa jijjiirama qilleensaa Itoophiyaa keessa jiru kaarbooni gadiilakkifamuu gadii aanaa waan ta’eef haala itti fufsiisuu danda’amuufi hojii mootummaan hojjetamuuf deeggarsa akkaata taasisuufi danda’amurratti yaadame kan waliigalame tahu himameera.

Deeggarsichas kan taasisuu Ejansii Misooma Firaansiti.

Waliigaltee taasifamees Ministeera Maallaqaafi Komishinii Karooraafi Misoomaan ni hordoofaa jedhameera.

Kanaaf Mootummaan jijjiirama qilleensa dhufu too’achuuf ittisuuf tarkaanfii qabatamaa fudhachaa jiraachuus himameera

Waggoota darbanitti jijjiiram qilleensanfi hiyyuumaa hir’isu irratti hojiin qabatamaa hojjetamuu isa Inistiitiyuutichi ibseera.

Itoophiyaa bara 2011 jalqabdee diinagdee magariisaa karoorsuun hojiirraa oolchaa jirti.

Yeroo ammaa kanas karooraa waggaa 10 baasuun gara hojiitti galteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015