Bulchiinsa Magaalaa Hawaasa kutaa bulchiinsa Mahaal Katamaa, ganda ‘Addis Ababaa’ bakka addaa Qajeelcha Maatii’ jedhamutti balaa ibiddaa muudateen miidhaan qabeenya irraa qaqqabe

87

Finfinnee,Gurraandhala 10/2013(TOI) - Bulchiinsa Magaalaa Hawaasa kutaa bulchiinsa Mahaal Katamaa, ganda ‘Addis Ababaa’ bakka addaa Qajeelcha Maatii’ jedhamutti balaa ibiddaa muudateen miidhaan qabeenya irraa qaqqabe.

Ka’umsi balaa kanaafi miidhan qabeenya irraa gahe qoratamaa jiraachuu Ajajaan Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Hawaasa Komandar Darrasaa Busaroo ibsan.

Ibiddi kun hirmannaa hawaasa nannichaa, Ittisa Balaa Ibidaa, Paarkii Industirii Hawaasa akkasumas qaamolee nageenyan deeggarsa taasifameen balaan kun gara biraatti osoo hin babal’atiin dhaabuun danda’amuu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015