Waajjira giiftii duree Itoophiyaan manneen barnoota sadarkaa 2ffaa ijaramaa jiru kessaa inni 14ffaa eebbifame

81

Finfinnee,Gurraandhala 9/ 2013(TOI)- Waajjira giiftii duree Itoophiyaan manneen barnoota sadarkaa 2ffaa ijaramaa jiru kessaa inni 14ffaa eebbifame.

Manni Barumsaa Sadarkaa Lamaffaa har'a eebbifame kun naannoo saboota,sablamoota fi ummatoota kibbaa Godina Gede’oo Aanaa Gadabiti kan ijaramedha.

Manni barumsaa sadarkaa lammaaffaa kun manneen barnoota waajjira Giifti dureen naannichatti hojjetamaa jiran 3n keessaa isa tokkodhas jedhamera.

Manni Barumsaa Sadarkaa Lamaffaa Baanqoo Dadaatuu Naannoo Kibbaa Godina Gede’oo Aanaa Gadabiti deeggarsa Waajjira Giiftiduree Itoophiyaa Zinnaash Taayyaachoon ijaarame kutaa barnoota dabalatee, kutaa yaalii, fi kanneen biroo kan of keessatti hammatee ijaramedha jedhamera.

Manni barumsichaa ijaaramuun rakkoo walgahiinsa barnootaa naannichatti mul’atu furuu keessatti gahee isaa ni bahaa jedhameeti eeggama.

Sirna eebbichaarratti Giiftiduree Zinnaash Taayyaachoo dabalatee hooggantoonni Olaanoo Naannoo Kibbaafi Godina Gede’oo akkasumas jiraattoonni naannichaa argamaniru.

Maddi Waajjira Giifti duree Itoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015