Yuunivarsiitiin Addigiraat yeroo 8ffaa barattoota barsiisaa ture 2576 eebbise

78

Finfinnee, Gurraandhala 6/2013 (TOI)- Yuunivarsiitiin Addigiraat yeroo 8ffaa barattoota barsiisaa ture 2576 eebbise.


Yuunivarsiitichi tarkaanfii mootummaan olaantummaa seera Kabachiisuu naannoo Tigiraayitti fedhate hordofuun garee ABUTn waan miidhan irra gaheef baratoota barsiisaa ture barnoota isaan hafee Yuunivarsiiti Maqaleetti barsiisun eebbisera.


Sirna eebbaa kanarratti Ministirri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaatoo, hojii raawwachiisaa olaanaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraay Dooktar Muluu Naggaa fi keessuummoonni argamaniiru.


Gama biraatiin dhihoo kana baratoota kan eebbisee Yuunivarsiitiin Maqalees baratoota 608 hafaan marsaa lammaffaaf eebbiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015