Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugda Daawwaatti Biirriin 452,800 ol ABO Shaneen lafa keessa qotamee dhokfame to'atame.

2199

Finfinnee,Gurraandhala 5/2013(TOI)-Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugda Daawwaatti Biirriin 452,800 ol ABO Shaneen lafa keessa qotamee dhokfame to'atame.

Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugda Daawwaa Ganda Wolgeyiitti Biirriin 452,800 ol ABO-Shaneen lafa keessa qotamee dhokfame sakatta'insa qaamolee nageenyaa fi hirmaannaa uummataatiin to'annaa jala ooluusaa himameera.

Itti gaafatamaan Waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa Godinichaa, Obbo Dastaa Ittaanaa akka jedhanitti,ABO Shaneen loojistikiitti itti gargaaramuuf mallaqa kana owwaaluusaanii himanii,sakatta'insa qaamolee nageenyaa fi hirmaannaa uummataatiin to'annaa jala ooleera.

Qajeelcha Poolisii Godina Gujii Lixaatti, Itti aanaa daarektaraa fi abbaa adeemsa hojii nageenya naannoo mirkaneessaa, Komaandar Fiqree Deksiisaa, Ummanni Godinichaa qaamolee nageenyaa waliin tahuun nageenya naannoo isaa mirkaneessuu keessatti gahee bahachaa turaniif galateeffataniiru.

Gara fuula duraas qaamolee nageenyaa cinaa hiriiruun hirmaannaasaanii cimsanii akka itti fufan gaafataniiru

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015