Giiftii Dureen Itoophiyaa aadde Zinnash Taayyachaw naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaa aanaa Ambootti mana barumsaa sadarkaa 2ffaa ijaaruuf dhagaa bu’uraa ka’aniiru

135

Finfinnee, Gurraandhala 2 /2013 (TOI)- Giiftii Dureen Itoophiyaa aadde Zinnash Taayyachaw naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaa aanaa Ambootti mana barumsaa sadarkaa 2ffaa ijaaruuf dhagaa bu’uraa ka’aniiru.

Aanaa Ambootti ijaarsa mana barumsaa Ifaa Goromtiif dhagaa bu’uraa kan ka’an.

Ijaarsi mana barumsichaas ganda Booruu Goramtii bakka dhaloota Looreet Tsaggayee Gabra Madiidha.

Manni barumsichaa kutaawwan 16 kan qabu yoo ta’u, gamoo bulchiinsa, daree barnoota, laabraatoorii, mana kitaabaa fi kutaalee tajaajilaa biroo laatan of keessaa kan qabudha.

Sirna dhagaa bu’uuraa ka’uu kana irratti pireezdaantii naannoo Oromiya obbo Shimallis Abdiisaa , Hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo fi hooggantoonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015