Piroojektoota ijarsa misooma jallisii hojiin isaanii duubatti harkifatee bara bajataa qabamee keessatti xummuuruuf hojjechaa akka jiru Komishiiniin misooma jallisii ibse.

89

Finfinnee, Gurraandhala, 1/2013 (TOI)- Piroojektoota ijarsa misooma jallisii hojiin isaanii duubatti harkifatee bara bajataa qabamee keessatti xummuuruuf hojjechaa akka jiru Komishiiniin misooma jallisii ibse.

Komishiineerri misooma jallisii doktar Injineer Wandimmuu Takilee akka Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himanitti, Piroojetoota misooma jallisii sadarkaa biyyaatti jiran 13 kan hojiin isaanii duubatti harkifatee bara kana xummuruuf hojjetama jira.

Bara 2005 hojiin isaa kan jalqabamefi hojiin isaa harki 80 kan xummuramee piroojektiin misooma jallisii Magaachaa hojiin isaa akka dafee xummuramuuf dhaabbilee ijarsaa hojii kana hojjetaan cinaatti dhaabbilee gargaarsaa taasisaniif hundeessuun hojjetama jirachuus himaniru.

Piroojetiin kun hojiin isaa yeroo xummurame lafa heektara kuma 17 kan misoomisu yoo ta'u qonnaan bultoota kuma 34 fi jiraatoota magaalaa Gondor fi naannoo magaalichaa jiraatan fayyadamoo taasisa jedhamera.

Ijaarsa Piroojektii jallisii kanaafis baasiin birri biiliyoona 5.7 bahuu komishiinerichii himaniru.

Piroojektiin misooma jallisii Yaagidaboo kan jiraatoniii naannoo Oromiyaa fi Uummatoota kibbaa waliin fayyadamoo ta'aanis hojiinisaa sadrkaa bo'oo bishaanii diriirsuu irra gahera. Piroojektiin lafa heektara kuma 13 misoomsuu kun ijaarsa isaaf baasiin birrii biiliyoona 1.6 baheera.

Pirrojeetichii kan hojjetamuu daangaa naannoo Oromiyaa aanaa Abbayyaa fi naannoo kibbaatti aanaa Lokoo abbayaatidha.

Kimishiniichii piroojektoota suphaama jiran kannee akka piroojektii misooma jallisii Qobboo, Fnataalee, fi kanneen biroos suphuun xummuruuf hojjechaa jirachuu himera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015