Ministiirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Paarkii indaasitirii qindaa’aa Buree eebbisan

Finfinnee,Amajji,30/2013(TOI)-Ministiirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Paarkii indaasitirii qindaa’aa Buree eebbisan.

Sirna eebba kana irratti itti aanaa Ministiraa muummee fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokoniin dabalatee hoggaantooni naannoo fi federaalaa biroon argamaniru.

Paarkiin Indaastirii Buree lafa heektara 600 irratti kan ijaramedha.
Kana keessaa lafti heektara 200 kan jiru misoomera.

Kan misoome kana keessaa heektarti 100 abbootii qabeenyaaf kan kennamedha jedhamera.

Dabalataanis paarkiin Indaastirii Buree abbootii qabeenya nyaata fi waantoota nyaata waliin walitti hidhata qaban omishuu barbaadan simachuuf qophiidha jedhamera.

Ministirri muummee doktar Abiy Ahimadis paarkicha keessaa biqiltuu dhaabaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015