Hoggantoonni olaanoon Siyaasaa fi waraanaa 420 fi miseensonni garee ABUT 682 yakka raawwataniin seeraan akka gaafatamaniif hojjetamaa jira jedhame

59

Finfinnee, Amajjii 29, 2013 (TOI) - Hoggantoonni olaanoon Siyaasaa fi waraanaa 420 fi miseensonni garee ABUT 682 yakka raawwataniin seeraan akka itti gaafatamaniif hojiin ragaa walitti qabuu fi gurmeessuu hojjetamaa jiraachuu Tajaajjilli Tika Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa ibseera.

Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame waliin walqabatee sochii farra nageenyaa garee ABUT keessatti hirmaachaa kan turan hoggantoonni olaanoo Siyaasaa fi waraanaa 420 fi miseensonni garee ABUT 682 to'annoo jala oolanii seeraan akka gaafatamaniif ragaan walitti qabamuu fi gurmaa'uun damee nageenyaaf laatamuu ibsameera.

Dabalataan humnoonni shororkeessaa fi gareen birmadummaa biyyaa balaarra buusuuf socho'aa turan shakkamtoota 233 irratti hojiin hordoffii taasiifamuun ragaan barbaachisu walitti qabamuun qaama dhimmi ilaallatuuf ergamuu fi 13 ammoo to'annoo jala ooluu himameera.

Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaan akka gaggeeffamuuf dhaabbatichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechuuf karoorfatee socho'aa jiraachuu ragaan Tajaajjila Tika Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015